Tajaajila yaala dhiqaa Kalee Hospitaala Zawdiituu…
Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Hospitaalli Yaadannoo Zawdiituu bara 2009 eegalee tajaajila yaala dhiqaa Kalee kennaa jira.
Hospitaalichi namoota 30’f tajaajila yaala dhiqaa Kalee dhaabbiin kennaa jiraachuu Ogeessi Yaalaa kutaalee yaalichaa Dooktar Amaanu’eel Zarayaa’iqoob himaniiru.
Dabalataan yaalamtoota 50 hanga 60 ta’aniif ammoo tajaajila dhiqaa Kalee yeroo gabaabaa kennaa jiraachuu eeraniiru.
Kutaa Yaalaa Cimaa keessattis tajaajilli yaalaa yeroo gabaabaa kennamaa akka jiruu fi tajaajilicha waggaa hanga waggaatti itti fufiinsaan kennamaa jira jedhan.
Hospitaalichi maashinoota tajaajila yaala dhiqaa kalee 8 qabaachuu eerun, yaalamtoonni hedduun torbeen yeroo 3 tajaajilicha argachaa jiru jedhan.
Namoonni Hospitaalichatti yaala argachaa jiran gama isaaniin, tajaajilli argachaa jiran gaarii ta’uu Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiru.
Tajaajila yaalaa dabalataan waa’ee dhibichaa ilaalchisee hubannoo gahaa argachuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia