Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Geejjiba Baaburaa Onlaayiniin iddoo qabatan eegaluufi

Finfinnee, Amajjii 17, 2017(FMC) – Waldaan Aksiiyoonii Baabura lafaa Itiyoo – Jiibuutii Tajaajila Geejjiba Baaburaa Onlaayiniin iddoon qabatamu eegalchiisuuf ta’uu beeksise.

Tajaajilli kun Guraandhala dhufuu eegalee hojiirra kan oolu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waldaa Aksiiyoonii Baabura lafaa Itiyoo – Jiibuutii Injiinar Taakkalee Uumaan ibsaniiru.

Tajaajila qulqullina qabuu fi si’ataa kennuuf ragaa sirrii maamiltootaa mirkaneessuu fi imala rakkoorraa bilisa ta’e mijeessuuf barbaachisaa ta’uun eerameera.

Maamiltoonni biyya keessaa onlaayiniin iddoo qabachuun imaluuf waraqaan eenyummaa biyyaalessaa ulaagaa akka ta’e himameera.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.