Tapha walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a Arsenaal PSG waliin taphatu ni eegama
Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) –Tapha walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni marsaa jalqabaa har’a Arsenaal PSG waliin taphatu ni eegama.
Taphni walakkaa xumuraa marsaan jalqabaa kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee taphatama.
Arsenaal waggoota 19 booda xumuraaf darbuu yoo morkatu, PSG’n ammoo waggaa 5 booda xumuraaf darbuuf falmata.
Kilaboonni lamaanuu seenaa isaanii keessatti waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifatanii hin beekan.
#Oromia #Ethiopia