Taphoonni ramaddii marsaa jalqabaa Chaampiyoonsi Liigii har’a xumuramu
Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FMC) – Taphoonni ramaddii xumuraa marsaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a yoo xumuraman, Maanchistar Siitiin dorgommii kana keessaa akka hinbaaneef ijibbaanni taasisu hawwii olaanaan eegama.
Maanchistar Siitiin galgala sa’aatii 5:00 irraa eegalee tti Kilabii Biruugin Istaadiyeemii Itihaaditti kan keessummeessuu yoo ta’u, dorgommii kana keessaa akka hinbaane fi carraa tapha marsaa 2ffaaf darbuu bal’ifachuuf tapha kana injifachuu qaba.
Halkanuma kana sa’aatii 5:00’tti Astoon Viilaan Seeltik waliin, Baarseloonaan Atalantaan waliin, Baayer Leverkusen Ispaartaa Piraag waliin, Baayer Muuniik Silovaan Biraatislaavaan waliin, Boorshiyaa Doortimandi Shaaktar Doonetisk waliin, Bireesti Riyaal Maadriid waliin, Dinamo Zagreb AC Miilaan waliin akka taphatan beekameera.
Akkasumas Ziyiiroonaan Arsenaal waliin, Inter Miilaan Moonaakoo waliin, Juuventus Beenfikaan waliin, Liil Feyenoordi waliin, PSV Liivarpuul waliin, Reed Buul Saalzibargi Atleetikoo Maadriid waliin tapha garee Chaampiyoonsi Liigii marsaa jalqabaa kan xumuraa ni taphatu.
Ispoortiing Liisboonii fi Booloonyaan, Istiraam Giraazii fi RB Laayipzig, Istuutgaarti fi PSG’n, akkasumas Yangi Booysi fi Red Istar Belgireede jkan waliin morkatan ta’uun eerameera.
Bu’uura kanaan gareewwan sadarkaa 1-8ffaa xumuran, gareewwan 16’nitti kan makaman yoo ta’u, gareewwan sadarkaa 9-24ffaa xumuran ammoo tapha mo’atanii darbuu taphachuun mo’attoonni waereen 16’nitti ni makamu jedhameera.
Gareen hafan sadarkaa 25ffaa-36ffaatti xumuran dorgommii kanaan ala akka ta’an beekameera.
#Oromia #Ethiopia