Fana: At a Speed of Life!

Tarsiimoon Galii Yeroo Giddugaleessaa ragga’uun karoora riifoormii diinagdee cimaaf murteessaadha- Ministeera Galiiwwanii

Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC)-Manni Maree Ministirootaa Tarsiimoo Galii Yeroo Giddugaleessaa raggaasisuun karoora riifoormii diinagdee cimaaf murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Niguseen ibsan.

Konfirensiin mata duree ‘galmoota misoomaa deeggaruuf sassaabbii galii biyya keessaa guddisuu’ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Konfiranichi guyyoota afuriif kan gaggeeffamu yoo ta’u, hoggantoonni damichaa biyoota Baha Afrikaarraa walitti babba’an, dhaabbileen akka Gamtaa Awurooppaa, IMF fi kanneen biroon  hirmaachaa jiraachuu eerameera.

Aadde Ayinaalem Niguseen haasawaa konfiransicharratti taasisaniin, jijjiiramni hojii Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu keessumaa imaammanni taaksii fi bulchiinsi taaksii sassaabbii galii daran fooyyessuu eeraniiru.

Raawwiin galii fooyya’aa jiraatus, garaagarummaa taaksiifi oomisha waliigalaa biyya keessaa gidduu jiru hambisuuf Tarsiimoon Galii Yeroo Giddugaleessaa ragga’uun karoora riifoormii diinagdee cimaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen gama isaaniin, sassaabbiin galii biyya keessaa guddina dameewwan barnootaa, fayyaa, bu’uuraalee misoomaafi kanneen biroof shoora qabaachuu kaasuun, kana hojiirra oolchuuf gibirri gahaan akka barbaachisu eeraniiru.

Kanaaf ammoo tumsi, kalaqniifi hammattoon imaammataa cimaan barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Daawwit Goosaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiophia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.