Tattaaffii idaa Itiyoophiyaa siqsuurratti dhaabbilee misoomaa mootummaaf ibsi taasifame
Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 ( FMC) – Hojiilee idaa Itiyoophiyaa siqsuuf hojjetamaa jiran irratti Ministeerri Maallaqaa dhaabbilee misoomaa mootummaa guguddoof ibsa kenneera.
Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny, dhaabbileen mariiwwan fuulduratti gaggeeffaman ajandaa riifoormii diinagdee Itiyoophiyaa waliin akka walsimaniif qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Dhiyeenyatti Koree liqeessitootaa Itiyoophiyaa waliin waliigalteerra gahamuun kan ibsame yoo ta’u, tattaaffiin idaa Itiyoophiyaa siqsuu adeemsa gaariirra jiraachuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.