Teeknoloojii furtuu rakkoo taasisuuf hojiileen eegalaman cimanii itti fufu-Dooktar Warquu Gaachanaa
Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC)-Teeknoloojii furtuu rakkoo taasisuuf, hojiileen eegalaman cimanii itti fufu jechuun Miseensi Mana Maree Paartii Badhaadhinaa fi Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Dooktar Warquu Gaachanaan ibsan.
Waggoottan sadan darban ijaarsa mootummaaf bu’uura kan kaa’an ijaarsa dhaabbilee walabaa, bilisaa fi ga’umsa qaban horachuu hojjetamaa turuu yaadachiisanii, kanaanis bu’aaleen damee hedduu galmaa’uu himan.
Ijaarsa dhaabbilee irratti keessumaa damee teeknoloojiin hojiilee bal’aa hojjetaman keessaa tajaajilaa fi hojmaata dhaabbilee duraanii ammayyeessuun, akkasumas dhaabbilee haaraa ijaaruu fi humna nama baratee cimsuuf xiyyeeffannaan hojjetamuun bu’aan galmaa’eera jedhan.
Dhaabbilee haaraa hundeeffaman keessaa Inistitiyuutiin Artifiishaal Intalajansii tokko ta’uu kan kaasan Dooktar Warquu Gaachanaan, hojiilee bal’aa biyyaa fi ummataaf fayyidaa qaban hojjetamuu akeekaniiru.
‘Boba’aa egeree’ kan jedhamuu fi biyyoonni hedduun ittiin waldorgomaa jiran kuusaa daataa ijaaruun yeroo ammaa dhaabbilee 30 keessatti hojiirra ooluu himanii, kuusaa daataa kana dhaloota dhufu dhaalchisuu, dhaloonni ammaa fayyadamuun rakkoo kan ittiin furudha jedhaniiru.
Afaanota biyyattii, afaan Roobootii taasisuuf hojiilee hojjetamaniin yeroo ammaa afaanota shan afaan Roobootii taasisuun akka danda’ame ibsuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia