Teelee Birriin guyya guyyaan Birrii biiliyoona 7 sochoosaa jira jedhame
Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) –Teelee Birriin ijaarsa diinagdee diijitaalaa Itiyoophiyaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuu Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun ibsan.
Teelee Birriin baayina maamiltootaanis ta’e tajaajila kennuun guddina olaanaa galmeessisaa jiraachuu eeraniiru.
Yeroo ammaa guyya guyyaan Birrii biiliyoonni 7 kan socho’u ta’uu kaasanii, kunis ijaarsa diinagdee diijitaalaaf shoora olaanaadha jedhan.
Teelee Birriin appilikeeshinootaafi hojimaata haaraa uumuun tajaajila ammayyaa kennaa jiraachuus himaniiru.
Tajaajila si’ataafi amansiisaa akka kennuufis nageenya saayibariin walqabatee hojiilee hedduun hojjetamuu ibsaniiru.
Itiyoo-Telekoom guddina hawaasummaafi diinagdee Itiyoophiyaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia