Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaan naannawaa fi tumsi barbaachisaa waan ta’eef, kana dhugoomsuuf Somaaliyaa waliin hojjechuuf qophiidha-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 20, 2017 (FMC)- Tokkummaan naannawaa fi tumsi barbaachisaa waan ta’eef, kana dhugoomsuuf Somaaliyaa waliin hojjechuuf qophiidha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsaniitti, Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud simannaa Moqaadishootti taasisaniif galateeffataniiru.

Mariin isaaniis ajandaalee ijoo waa’ee nageenyaa fi tasgabbii, diinagdee, dippiloomaasii fi hojiilee bu’uuraalee misoomaa waloon ijaaruun danda’amurratti kan xiyyeeffate akka ture ibsaniiru

Gaanfi Afrikaa qabeenyaa umamaan, lafa gabbataa, bishanii fi humna namaan badhaatuu ta’uu ibsanii, amma akka naannawaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaafachaa jirra jedhaniiru.

Kun ammoo fedhii waloo galmaan ga’uuf walta’uun murteessadha jedhaniiru.

Akka naannawaatti tokkummaa waloo galmaan ga’uuf humna jirutti fayyadamuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

“Kophaatti guddachuu hindandeenyu; garuu wal taanee, dagaaguu dandeenya. Tokkummaa naannawaa fi tumsi barbaachisaa waan ta’eef, kana dhugoomsuuf Somaaliyaa waliin hojjechuuf qophiidha.” jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.