Tola ooltonniifi abbootiin qabeenyaa deeggarsa dhiyeessii nyaataa cimsanii akka itti fufan gaafatame
Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC)- Tola ooltonniifi abbootiin qabeenyaa deeggarsa dhiyeessii nyaataa cimsanii akka itti fufan Ejensiin Dhiyeessii Nyaataa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesse.
Ejensichi hojiilee hojjechaa jirurratti kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mari’achaa jira.
Waggoottan jahan darbanitti manneen barnootaa fi giddugalawwan dhiyeessii nyaataatti hojiileen gaggaariin hojjetamuu Daayrektarri Olaantuun ejensichaa Shittaayee Mahaammad ibsaniiru.
Barattoota kuma dhibba 8 fi kuma 34 guyyaatti si’a lama nyaachisuun danda’amuu fi giddugalawwan nyaachisaa 22 keessatti namoota harka qalleeyyii kuma 36 fi 600 sooruun danda’amuu eeraniiru.
Hojiilee ejensichi hojjetaa jiru keessatti gaheen tola ooltotaafi abbootii qabeenyaa jajjabeessaa ta’uu kaasuun, fuuladurattis cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Marichaan loogoon ejensichaa ifoomeera.
Yismaawu Adaraawutu gabaase.
#Oromia #Ethiophia