Torbee dhukkubbii
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Soomana guddicha Ayyaana Hiikaa keessa torbeen dhumaa torbee dhukkubbii jedhama.
Torbeen dhukkubbii torbee gidiraa waggaa kuma 5 fi 500’f Addaamii fi ijoollee isaarra ga’e torbee ittiin yaadatamuu dha.
Akkasumas dhukkubbii gaafa guyyaa jimaataa fannoo irratti Iyyesuus Kiristoosirra ga’e torban itti yaadatamuudha.
Torbee Kiristoos cubbuu dhala namaa jecha gidiraa fi dhukkubbii, wareegama lubbuu fi qaama kaffale jechuun torbee sooma, sagadaa fi kadhaannaan yaadatamuudha.
Torbee argama qabeenya hafuuraa guddaa jedhama.
Har’i torbee dhukkubbii guyyaa 2ffaadha.
Guyyaa angafoonni Lubootaa Gooftaa irratti maree gaggeessani dha.
Angafoonni Lubootaa fi fariisootaa gochaa gaarii Iyyesuus kiristoos dhala namaaf godhe akka waan hamaa fi yakkaatti jallisanii ilaaluun maree irratti geggeessan ta’uu barsiisonni wangeelaa ni himu.
Akkaataa barsiifata Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa fi Kaatooliikii Itiyoophiyaan torbee dhukkubbii kana keessa hordoftoonni amantichaa Sooma, Sagadaa fi kadhhaannaan dabarsu.
Torbee dhukkubbii keessa yeroo 41 kiriyaalaayisoon(yaa waaqa nuu dhiisii, nu fayyisi) jechaa yeroo 12 yaa abbaa keenya kan jedhuu yedaleefamaa ni sagadamaa.
Torbee kana keessa guyyaatti yeroo kadhannaa 10 tu jira.
Ganama sa’aatii 1. 3. 6.9.11.akkasumas halkan sa’aati 1. 3. 6.9.11.yeroowwan kanattiis dhukkubbii Iyyesuus Kiristoos yaadachudhaan faaruu Daawwiit fi Raajiin hojii dhukkubbii ni kadhatama.
Tibba kana keessa nyaatawwan hedduu irraa of qusannaan,Warra danda’amuufis galgala keessaa hanga sa’aatii tokko akka sooman, nyaata akka qorsoo, daabboo, bishaanii fi ashaboodhaan akka nyaatamu kitaaba raawwii dhukkubbii Gooftaa irratti barreeffameera.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia