Fana: At a Speed of Life!

Torbee feestivaalaa aadaa 16ffaan magaalaa eegalame

Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen torbee feestivaalaa aadaa 16ffaa guyyoota 3’f turu eegalchiisan.

“Aadaawwan keenya dirree seenessa waloo” mata duree jedhuun torbee feestivaalaa aadaa 16ffaa guyyoota sadan itti aananiif magaalaa keenyatti raawwatamu eegalchiifneerra jedhan Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa.

Aadaawwan keenya yoo sirnaan itti fayyadamne ijaarsa biyyaaf, walitti dhufeenya uummattootaaf, tokkummaa jabeessuuf akkasumas ijaarsa nagaa fi seenessa waloof gahee guddaa taphata jedhan.

Jiraattota magaalaa keenyaa guutuu kan walitti hidhuu fi kutaa addunyaa biraa irraa kan adda nu godhan aadaawwan keenya qabeenyota keenya ta’uu isaanii hubachuun, feestivaala aadaa qophaa’e Hoteela Giyoonitti argamuun akka daawwattan waamicha koon dhiyeessa jechuun ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.