Fana: At a Speed of Life!

Tumaan miidhaa dubartootaa fi daa’immanii hambisu tumame

Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC)- Tumaan miidhaa dubartootaa fi daa’imman irra gahu hambisurratti xiyyeeffate Gumii Abbootii Gadaan tumame.

Tumaalee tumaman keessaa miidhaalee koorniyaarraatti xiyyeeffachuun dubartootaa fi daa’immanirra gahu, buutii, reebichaa fi kanneen biroo hambisuuf akka gargaaru himameera.

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, waan saba mufachiisu, aadmalee, waan ijaa fi gurratti hintolerratti seera muruun, sabarraa qolachuun, adeemsa duudhaa fi safuu ittiin lallabataa har’a gahe murtee Gumii Abbootii Gadaan daangeessuuf tumaan miidhaa dubartootaafi daa’imman irra gahu hambisurratti xiyyeeffate tumameera jedhan.

Tumaalee kanneen Abbootiin Gadaa fi Manneen Murtii aadaa ni raawwachiisu jedhameera.

Pireezidantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaa Simal, tumaan kun manneen murtii idilee deeggaruu keessatti qoodni olaanaa qaba jdhaniiru.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa barmaatilee dubartootaa fi daa’immanirraan miidhaa qaqqabsiisan hambisuuf, qindoominaan hojjachuun barbaachisaadha jedhan.

Uummanni Oromoo uummata aadaa fi duudhaa boonsaa qabu waan ta’eef, Aadaa, safuufi duudhaa ganamaati yoo deebi’e barmaatilee kana hambisa waan taheef tumaan Abbootii Gadaa kun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.