Tumsa Itiyoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa daran cimsuun barbaachisaadha- Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos
Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Tumsa Itiyoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa daran cimsuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Gamtaa Awurooppaatti Barreessaa Itti aanaa Tajaajila Diinagdeefi Dhimmoota Idil-addunyaa Saayiman Moorduu waliin mari’ataniiru.
Hariiroo Itiyoophiyaafi gamtichaa daran cimsuuf yeroo yeroon mari’achuun barbaachisaa ta’uufi waliigaltee michummaa tarsiimawaa bara 2016 waliif mallatteessan irra deebiin jabeessuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Geediyoon kaasaniiru.
Gamtichi tumsa dameewwan misooma diinagdee, invastimantiifi nageenya naannawaan Itiyoophiyaa waliin qabu daran cimsuu akka qabu eeraniiru.
Saayiman Moorduun gamasaaniin, gamtichi hariiroo Itiyoophiyaafi Gamtaa Afrikaa waliin qabu daran cimsee itti fufuu akka barbaadu ibsaniiru.
Tumsi gamtichi dameewwan misooma diinagdee, carraa hojii uumuufi invastimantiin Itiyoophiyaa waliin qabu hariiroo gam-lameerra darbee faayidaa naannawaa qabaachuu kaasaniiru.
Gamtaan Awurooppaa hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabuuf xiyyeeffannoo addaa kan kennu ta’uus ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia