Turtiin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Veetnaamitti taasisan tumsa waloo kan mirkaneessedha- Dooktar Laggaasaa Tulluu
Finfinnee, Ebla 10, 2017 (FMC) – Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun turtii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Veetnaamitti taasisan ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad Veetnaamitti daawwannaan taasiisan tumsa waloo biyyoota lamaanii caalmaatti kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.
Daawwannichi seenaa haaraa galmeessuuf dandeettii uumee fi Itiyoophiyaaan biyya daran barbaachiistuu ta’uu ishee mirkaneessedha jedhan.
Turtii hariiroo waloo hawaas diinagdee cimse, tumsa tarsiimowaa guddiseta’uu kaasaniiru.
Hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii erga eegalee bara Faranjootaa 1976 as daawwannaa hoggantoonni mootummaa olaanoon taasisan isa jalqabaa akka ta’e himaniiru.
Veetnaam misooma qabeenya namoomaan Itiyoophiyaa deeggaruuf waadaa galuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia