Fana: At a Speed of Life!

Ummanni naannoo Tigraay fayyadamoo misoomaa akka ta’u Mootummaan Federaalaa tumsa taasisu cimsee itti fufa – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) –Tigraayitti nageenyii fi tasgabbiin waaromee ummanni naannichaa fayyadamoo misoomaa akka ta’u Mootummaan Federaalaa tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Sirni walharkaa fuudhiinsa Aangoo Pireezidaantummaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay har’a gaggeeffameera.

Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa,akkasumas bakka buutoonni dippiloomaatoota ardii fi idil addunyaa sirna walharkaa fuudhinsichaarratti argamaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa saganticharratti dabarsaniin, waggoottan lamaan darban Naannoo Tigraayitti nageenyi akka bu’u hojii guddaa Pireezidaantiin duraanii bulchiinsa yeroo naannichaa obbo Getaachoo Raddaan raawwatan galateeffataniiru.

Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradeenis yeroo itti aanu hojii caalu akka hojjetan abdii qabaachuu eeraniiru.

Naannichatti nageenyii fi tasgabbiin waaromee ummanni naannichaa fayyadamoo misoomaa akka ta’u Mootummaan Federaalaa tumsa taasisu cimsee akka itti fufu Dooktar Abiy mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.