Fana: At a Speed of Life!

Uummani hojii Haaromsa aadaa, misoomaa fi nagenya mirkaneessuuf tumsuu qaba – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 30, 2017(FMC) – Uummani hojii Haaromsa aadaa, misoomaa fi nagenya mirkaneessuuf tumsuu akka qabu Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa hubachiisan.

Pireezidaanti Shimallis sirna wal harkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa irratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Aadaafi hundee keenya kaleessaa irraa yoo dhaabbannee boruu keenya jiraachuu dandeenya jedhan.

Galmoota akka biyyaatti qabaman sadan milkeessuuf aadaa fi dudhaa uummatichaa fi yaadama sirna Gadaan masakuun murteessaa ta’uus hubachiisan.

Mootummaan  kanaaf xiyyeeffannaa kennuun ijaarsa biyaa guddina dinagdee fi barnootaa fi tekinooloojii keesdsatti ga’een adaan qabu akka hojii irra ooluuf haaromsa aadaa irratti hojeechaa akka jiru yaadchiisan.

Uummannis  hiree amma argametti gargaaramee  aadaa isaa eeggachuu, kunuunfachuu fi dhalootatti dabarsuuf haaromsa aadaa eegalame tumsuun akka barbaachisu ibsan.

Ammayyaa’uu jechuun aadaa ofii gatuun kan ormaa fudhachuu akka hin taane kan eeran Obbo Shimallis, sababa adda addaan aadaa fi dudha uummatichaa dagatame deebisanii haaromsuun misoomaaf, eegumsa nageenyaa fi jireenya waloof  fayyadamuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Sirna gadaa Haaromsaan booda jabaate itti fufe kana caalamaatti addunyaatti beeksisuuf mootummaan naanichaa hojii eegale cimsee akka ittifufus dubbachuun,  Ardaa Jilaa Badhaasaa misoomsuufis kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Abbaa Gadaa Baallii fudhatafi bara hojii gaarii hawwanii, keessummoota sirnicharratti hirmaachuuf keessaa  fi alarraa dhufanis galateeffataniiru.

Keessunmmaa jila Keeniyaa irraa dhufef galata guddaa galchanii, misoomaa fi nageenyaan tumsi uummattoota biyyoota lamaanii gidduutti eegalame cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Yoonaataan Biraanuutu qindeesse.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.