Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Dinagdeen Cimuu qaba – Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu

Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC) – Uummanni Dinagdeen Cimuu akka qabu Abbaan Gadaa Booranaa 72ffaan Guyyoo Boruun ibsan.

Uummanni Aadaa hojii jabeessuu akka qabuus hubachiisaniiru.

Uummanni horsiise Bulaa Booranaa Aadaa hojii isaa cimsuun gara daldalaa akkasumas barnootaatti fuula deeffachuu akka qabu dhaamaniiru.

Uummanni horsiise bulaa roobaan jireessaa yeroo gannaa Aannan dhugee, dhadhaa raafe quufe buluu, yeroo hoonge ammoo horii isaa baraaruufi tattaafatu ta’uu kaasaniiru.

Kan yeroo Hoonges ta’ee yeroo gannaa jireenya namaa fooyyeesu barnootaafi daldalaa waan ta’eef hawaasni Aadaa hojii cimsuu akka qabu dhaamaniru.

Kululaa Garbichaafi Asteer Geetahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.