Fana: At a Speed of Life!

Uummata Oromoo diinagdeen aangeessuuf cichoominaan hojjetamaa jira – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Waltajjiin Mana maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa marsaan 3ffaan qonna naannichaa ammayyeessuufi ceesisuurratti xiyyeeffate Galma Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa’amaa jira.

Ariitiin Cehumsa Qonnaa dhugoomsuufi Inisheetivoota qabaman milkeessuuf gaheen qooda fudhattootaa murteessaa ta’uun maricharratti ibsameera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa Uummata Oromoo diinagdeen aangeessuufi ceesisuuf guddina diinagdee damdaneessaa ta’e galmaan gahuuf cichoominaan hojjechaa jiraachuu Sadarkaa itti aanaa Pireezdaantitti Qindeessaan Kilaastera Misooma Baadiyaa obbo Addisuu Araggaa ibsaniiru.

Yaadama jijjiirama diinagdee caalmatti milkeessuuf mana maree tiraanisfoormeeshinii (ATO) hundeessuun qonna naannoo Oromiyaa beekkumsaan hoogganuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Waggoottan darban keessatti sochii manni maree tiraanisfoormeeshinii taasisaa tureen inisheetiiviiwwan garaagaraa milkaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gamasaaniin ce’umsa qonnaa ariifataa ta’e galmeessuufi ammayyeessuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Ce’umsi diinagdee Oromiyaa jijjiirama damee qonnaa irratti mul’ataa jiru carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuun agarsiiftuu guddinna diingdee ta’uu obbo Geetuun eeraniiru.

Waltajjii mana Maree tiraanisfoormeeshinii qonnaa marsaa 3ffaaf taa’amaa jiru kanaratti Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Hooggansi olaanaan sadarkaa Federaalaa, Hayyootaafi qooda fudhattoonni garaagaraa argamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.