Fana: At a Speed of Life!

Walakkaa waggaatti lammiilee kuma 24 ol daandirraa kaasuun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 9, 2017 (FMC) – Baatiwwan jahan darban hojii namoota humna hin qabne gargaaruuf hojjetameen lammiilee kuma 24 ol daandirraa kaasuun danda’amuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Daa’immaan 908 dabalatee lammiilee kuma 24 fi 377 daandiirraa kaasuun tajaajila akka argatan taasiifamuu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Huuriyaa Aliin ibsaniiru.

Fedhii isaanirratti hundaa’uun gara naannawaa irraa dhufanii fi maatii isaanitti akka deebi’aan taasiifamuu himaniiru.

Godaansi sababoota garaa garaa fi odeeffannoo dogongoraan gara magaalaatti taasiifamu ammallee cimee itti fufuu dubbataniiru.

Lammiilee sababa kanaan daandirratti kufan hojiin kaasuu akkuma jirutti ta’ee sosochiin hubannoo uumuu daraan barbaachisaa ta’uu himuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.