Fana: At a Speed of Life!

Walga’ii idilee 46ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa har’a eegala

Finfinnee, Guraandhala 5, 2017 (FMC)-Walga’ii idilee 46ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa har’a Finfinneetti ni eegala.

Walga’icharratti Ministiroonni dhimma alaa biyyoota Afrikaa, dippiloomaatonnii fi hoggantoonni dhaabbilee gamtichaa ni hirmaatuun eegama.

Manni Marichaa Ajandaalee Koreen Bakka Bu’ootaa Dhaabbata Gamtaa Afriikaa 49ffaa baatii Amajjii 2017 mari’aterratti ni mari’atas jedhameera.

Walgahiin mana marichaa dhaabbilee fi caasaaleen Gamtaa Afriikaa, koreewwanii fi koreewwan xiqqaa mana marichaa jalatti argaman akkasumas gabaasa raawwii ajandaa 2063 ni dhaggeeffata jedhameetu eegama.

Ajandaalee riifoormii dhaabbatummaa Gamtaa Afriikaa, Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti sochiiwwan teessoo dhaabbii bakka bu’iinsaa argachuuf sochii taasifamaa jiran, nageenyaa fi tasgabbii Ardii Afriikaa, raawwii naannawaa daldala bilisaa Afrikaa fi walitti hidhamiinsa daldalaa fi diinagdee Ardii Afrikaa, qonnaa fi jijjiirama haala qilleensaa, mirgoota namoomaa, sirna Koorniyaa fi dargaggoota ga’oomsuu akkasumas filannoo dhaabbilee fi kanneen biroorratti ni mari’atama jedhameera.

Manni marichaa akkaataa danbii ittiin bulmaataa gamtichaan filannoo komishinaroota komishinii Gamtaa Afriikaa jahanii akka gaggeessus ibsameera.

Dabalataanis Miseensonni Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaa shanan ni filatamu jedhameera.

Itiyoophiyaan miseensummaa mana maree bara 2025-2027’tti waggoota sadiif turuuf akka dorgomtu beekameera.

Manni maree hojii raawwachiistuu ajandaalee yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaa Guraandhala 8 fi 9, 2017 taa’amu irratti dhiyaatan ni raggaasisa jedhameetu eegama.

Ibsoonni dhaabbilee Gamtaa Afrikaa fi gurmaa’ina dabalatee sagantaaleen garaagaraa har’a akka gaggeeffaman Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 38ffaan Guraandhala 8 fi 9, 2017 Finfinneetti ni taa’ama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.