Walga’ii idileen hoggantoota Raayyaa Ittisaa fi Nageenyaa Kiigaaliitti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Mudde 11, 2017 (FMC)- Walga’ii idileen 33ffaan hoggantoota Raayyaa Ittisaa fi Nageenyaa Afrikaa Bahaa Ruwaandaa Kiigaaliitti gaggeeffamaa jira.
Walga’icharratti Jilli Itiyoophiyaa Daayrektara Olaanaa Walta’iinsa Loltummaa fi Hariiroo Alaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Tashoommaa Gammachuun durfamu hirmaachaa jiraachuun ibsameera.
Marichi nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa Bahaa cimsuuf dhimmoota nageenyaa ijoo fi fuulduratti xiyyeeffannaa duraa argachuu qaban irrratti mari’achuu, rakkoolee nageenyaa naannawichaaf murteessoo ta’an irratti kallattii ni kaa’aan kan eegamu ta’uun ibsameera.
Humni Afrikaa Bahaa naannichatti rakkoo nageenyaa mul’atan furuu fi biyyoota miseensaa gidduutti walta’iinsa nageenyaa fi tasgabbii cimsuuf kutannoo qabu argisiisuu itti fufuun eeramuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarara argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia