Waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf hojiileen eegalaman akka itti fufan aibsame
Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf hojiileen eegalaman akka itti fufan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Waamamaa Olaanaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Beeljigeen ibsan.
Yaa’iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa irratti murtoowwan bu’aalee dameewwan garaagaraan argaman itti fufsiisaan murteeffamuun ni yaadatama.
Dooktar Tasfaayee Beeljigeen murtoowwan paartichi dabarserratti ibsa kennaniin waliigaltee biyyaalessaa mirkaneessuuf hojiileen eegalaman cimanii kan itti fufaniidha jedhan.
Milkaa’ina isaa fi seenessiiwaloo daran gabbisuu irratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Jijjiirama hordofe ka’umsa rakkoolee hedduu kan ta’ee seenessi qeenxeen, seenessii waloon akka sirrattuuf hojjetamuu fakkeenyummaan kaasaniru.
Siyaasni giddugaleessaa akka mirkanaa’uu fi waliigaltee biyyaalessaaf bu’uurri kaa’amuu eeranii, kunis bu’aa galmeessuu yaa’ii paartichaarratti gamaaggamamuu himaniiru.
Fuuldurattis waliigaltee biyyaalessaarratti hojiileen hojjetaman cimanii haala itti fufuu danda’aniin akka hojjetamuuf kallattiin akeekamuu ibsaniiru.
Waliigalteen biyyaalessaa kunis Itiyoophiyaa hundaaf mijattuu ijaaruuf kan kaayyeffate ta’uu ibsanii, hirmaannaan lammiilee hundaas murteessaa ta’uu eeruu TOI gabaaseera.
Seenessii waloon, rakkooleen bu’uuraa furamuun nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf hojiileen gaggeeffamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.
Dhimma biyyaarratti waloon hojjechuu qabna kan jedha Dooktar Tasfaayeen, hayyoonni siyaasaa, miidiyaaleen, diyaaspooraa fi kennaan biroonis carraaqqii olaanaa taasisuu akka qaban akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia