Raawwiin karoora kurmaana itti aanuu jijjiirama hiikoo qabu akka fiduuf miira itti gaafatamummaa olaanan kallattii fulduraa kan itti qopheessinudha .-Pir Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)-Raawwiin karoora kurmaana itti aanuu jijjiirama hiikoo qabu akka fiduf miira itti gaafatamummaa olaanan kallattii fulduraa kan itti qopheessinudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasumama isaaniin akka ibsanitti, Guyyaa har’aa waltajjii qorannoo raawwii hojii hanga kurmaana 2ffaa bara 2017, guyyoota sadan dhufaniif ittifufu jalqabneerra .
Waltajjiin kun, barii yaa’ii waliigalaa 2ffaa Paartii Badhaadhinaa hoggansa isaa deebisee itti jabeesse, murtoowwan ijoo itti dabarsee fi kallattiiwwan hanga yaa’ii itti aanutti tajaajilan itti kaa’etti adeemsifamuun isaa carraa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Waltajjii kanaan, gama tokkoon murtoowwanii fi kallattii tarsiima’oo yaa’ii 2ffaa paartiin darbanii fi ka’aman, gama birootin dhugaa qabatamaa naannoo keenyaa giddugaleessa taasisuun kan madaallu ta’as jedhan.
Bu’uuruma kanaan, raawwii dhimmoota olaantummaa siyaasaa mirkaneessuu, hojiilee gurmaa’insaa lafa qabsiisuu, baay’ina, ariitiifi qulqullina inisheetivootaa qixa barbaadamuun sochoosuu, si’oominaa fi dhaqqabummaa tajaajilaa fooyyessuu, hoggansa dinagdeen barbaadu kennuufi gaaffii hoggansaa deebisuu irratti xiyyeeffachuun kan qoratamuu fi mari’tamu ta’uu himaniiru.
Bifuma kanaan, turtii keenyan, raawwiin ji’oota jahan darbanii maraamartoo hiyyummaa cabsuufi galmoota sabboonummaa Oromoo milkeessuu waliin walbiratti yemmuu ilaalamu sadarkaa akkamii irra akka jiru gadifageenyan ilaaluu qabna.
Akkasumas, raawwiin karoora kurmaana itti aanuu jijjiirama hiikoo qabu akka fidu miira ittigaafatamummaa olaanan kallattii fulduraa kan itti qopheessinudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia