Waltajjiin Hundeeffama Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidarii Itiyoo-Jibuutii xumurame
Finfinnee, Guraandhala 5, 2017, (FMC) – Waltajjiin Hundeeffama Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidarii Itiyoo-Jibuutii gaggeeffamaa ture xumurameera.
Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidarii Itiyoo – jibuutii hundeessuuf sadarkaa koree teeknikaatti mariin waloo gaggeeffameera.
Marii isaaniin wixinee sanada bu’uura biyyoota lamaanii irratti galteewwan adda addaa dabaluun ji’a tokko keessatti xumuramee mallattoof akka qophaa’u waliigalteerra ga’uun ibsameera.
Waltajjii guyyoota lamaaf turen ajandaawwan hojii itti waliigalan mallatteessuun ibsa waloo kennuun xumuramuu ragaan Jibuuttiti Embaasii Itiyoophiyaaraa argame ni mul’isa.
Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Dooktar Alamuu Simee, Ministirri Ministeera Bu’uuraalee misoomaa Jibuutii, Hasan Hamuud, Ministirri Ministeera Daldalaa fi Tuurizimii Jibuutii Mohaammad Warsamaa fi qondaaltonni olaanoo biyyoota lamaanii biroo argamaniiru.