Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Haaromsa Aadaa Oromoorratti xiyyeeffate Geggeeffamaa Jira

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FBC)- Waltajjiin mariin haaromsa Aadaa Oromoo mata duree “Haaromsa Aadaatiin seenessa dogoggoraa qajeelchinee seenessa waloo ijaarra” jedhuun geggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abba Simal dabalatee hooggansi olaanoon sadarkaa Federaalaa fi naannoo hirmaachaa jiraachuun eeramera.

Marichis, beekumsa horachuu, diinagdee ceesisuu, Aartii Oromoo haaromsuun humneessuu fi Aadaa Oromoo Caaseffama oliirratti sirneessuun, karaa beekumsaa fi ogummaa giddugaleeffateen hojjechuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Feenaan Nuguseetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.