Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Marii qaamolee qooda fudhatoota Naannoo Oromiyaa eegalame

Finfinnee, Mudde 13, 2017 (FMC)-Waltajjiin Marii adeemsa Ajandaa walitti qabuu qaamolee qooda fudhatoota Naannoo Oromiyaa gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjicharratti qooda fudhatootni qaamolee mootummaa, paartilee, Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaalee, Hayyoota, namoota dhageetti hawaasaa qabanii fi bakka bu’oonni qaamolee hawaasaa irraa filaman 320 dabalatee qooda fudhatootni kuma 1 fi 700 hirmaachaa jiru.

Mariin ajandaa adda baasuu yaadoota walitti fiduun biyya cimaa ijaaruuf ta’uu kan eeran Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Ambaasaaddar Mohaammud Diriir, qaamoleen hidhannoon socho’an gara nagaatti dhufanii rakkoolee jiran mariin akka furamaniif gumaacha akka taasisan gaafataniiru.

Naannoon Oromiyaa naannolee biyyatti keessaa bala’aafi guddaa ta’uun Ajandaaleen sadarkaa naannootti adda bahan rakkoo biyyattis waarinaan furuuf murteessaa ta’uu kan himan ammoo Itti Aantuun Komishinara Olaanaa Hiruut Gabresillaaseeti.

Qaamoleen qooda fudhatootaa gahee isaanii itti gaafatamummaan akka bahatanis gaafataniiru.

Maricharratti qaamoleen naannichatti hidhatanii socho’aa turanii fi mootummaa waliin waliigaltee taasisaniis hirmaachaa jiraachuun eerameera.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.