Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Qindeessaa Nyaata Beeyladaa Odaa eebbifame

Finfinnee, Amajjii 24, 2017 (FMC)- Waldaan Aksiyoona Odaa Warshaa Qindeessa Nyaata Beeyladaa Odaa Magaalaa Adaamaatti ijaarsise eebbisiiseera.

Ijaarsi warshichaa bara 2014 kan eegale yoo ta’u, baasii Birrii miliyoona 200 fi kuma 76 oliin ijaaramuun ibsameera.

Warshichis sa’aatiitti nyaataa beeyladaa toonii 10, guyyaatti ammoo hanga kuntaala 200 ol akka oomishu walitti Qabaa Boordii Waldaa Aksiyoona Odaa Tsaggaayee Kamsii himaniiru.

Warshaan Qindeessaa Nyaata Beeyladaa Odaa nayaata beeyladaa qabiyyee madaalawaa fi qulqullina qabu dhiyeessuun, misooma aannanii fi foonii dabaluun, jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuu fi dinagdee biyyaa cimsuuf akka gargaaru Hogganaan Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Toleeraa Dabalaa himaniiru.

Hawwii Fiqaaduutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.