Fana: At a Speed of Life!

Xaannachi kiiloo giraama 20.6 tajaajila baqaqsanii wal’aanuun baafame

Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC)- Maayicawuu Hospitaala Kaarli Lamlamitti haadha tokko keessaa Xannachi kiiloo giraama 20.6 ulfaatu tajaajila baqaqsanii wal’aanuun baafamuun ibsame.

Jiraattuun Aanaa Booraa Aadde Kaasuu Radaa’ii umriin isaanii waggaa 63 yoo ta’u, xaannacha kanaan waggoota dheeraaf rakkachaa akka turan dubbatu.

Xannachichi tajaajilaa baqaqsanii wal’aanuun ergaa baafameefiin booda fayyummaa gaariirratti akka argaman eerameera.

Bifuma walfakkaatuun, Godina Arsii Hospitaala Boqojjiitti haadha umriin isaanii 45 ta’an keessaa Xannachi kiiloo giraama 11.2 ulfaatu tajaajila baqaqsanii wal’aanuun baafamuufiin ibsameera.

Daayrekterri Meedikaalaa Hospitaalichaa Dooktar Haylaay Tasfaaye, haatii kun erga xannachi keessaa baafame fayyaa gaarii irratti akka argaman eeraniiru.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.