Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon biyyoo gara naannoo Tigraayitti geejjibsiifamaa jira

Finfinnee, Amajjii 13, 2017 (FMC) – Mootummaan Federaalaa Xaa’oo biyyoo bara oomishaa 2017/18’f oolu gara naannoo Tigraayitti geejjibsiisaa jiraachuu Biiroon Qonnaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksiseera.
Bara oomishaa 2017/18 Xaa’oon Biyyoo kuntaalli miiliyoonni 1ol naannicha kan barbaachisu ta’uu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa bulchiinsa yeroo naannichaa Abarraa Kadanaw himaniiru.
Mootummaan Federaalaa gama Ministeera Qonnaan hordoffii cimaa taasiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Xaa’oon kun aanaaleef raabsamuu eegaluu eeraniiru.
Galteewwan oomishaa yeroon gara naannichaa seenuu eegaluun oomishaa fi oomishtummaa dabaluurratti gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.