Fana: At a Speed of Life!

Yaa’a Naayil irratti Giddugala Nageenya Hidhaa hundeessuuf mari’atame

Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Yaa’a Naayil irratti Giddugala Nageenya Hidhaa hundeessuuf dhimmoota tarsiimawoorratti mari’atamuun  ibsameera.

Waltajjicharratti komishinaroonnii fi hoggantoonni olaanoon biyyoota yaa’ichaa akkasumas hoggantoonni Waldaa Hidhaa Kaanaadaa, Waldaa Hidhawwan guguddoo Awustaraaliyaafi Waldaa Hayidiroopaaworii Noorweey hirmaataniiru.

Biyyoota yaa’a Naayilitti hojiilee nageenya hidhaa bu’aa qabeessa hojjechuuf tarsiimoo wiirtuu leenjiirratti mari’achuun faayidaa qabeessa ta’uu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan ibsaniiru.

Waggoottan darban wiirtuu leenjii nageenya hidhaa hundeessuuf tattaaffiin taasifame walga’ii mana maree Ministiroota Bishaanii irratti murtoo argachuu fi bu’aa buusuu eeraniiru.

Daayrektarri Olaanaan Inisheetiivii Naayil Beeziin  Dooktar Filooreensi Girees maricharrartti,  jijjiirama qilleensaa naannoo biyyoota yaa’aa gadii fi  yaa’ichatti mudatuuf bulchiinsa nageenya hidhaa hundeessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waltajjichi mul’ata, caasaa fi kallattii tarsiimawaa giddugalichaa bocuuf murteessaa ta’uu ibsuu isaaniis  ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.