Yaadamoonni haaraan jijjiiramichaa lammiileef carraan hojii akka uumamu dandeessisan jedhame
Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) – Jijjiiramaan as yaadamoonni haaraan hojiirra oolan lammiilee hedduuf carraan hojii akka uumamu dandeettii uumuu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil himan.
Waggaan lammiilee miiliyoona 4 caalaaniif carraan hojii akka uumamu dandeessisuu Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil eeraniiru.
Hojimaatileen haaraan Guddina Diinagdee kalaqaa fi Ogummaan durfaman diriiruun bu’aalee argamsiisaa jiraachuus kaasaniiru.
Hojmaanni hordoffii fi deeggarsaa jijjiiramaan booda diriirfaman lammiileen biyyoota alaatti carraa hojii akka argatan gargaaruu himaniiru.
Lammiileen miiliyoona 3.5 ol ta’an Dhaabbilee Teeknikaa fi Ogummaatti dameewwan ogummaa garaagaraan leenjii fudhachuus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia