Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf qophiin barbaachiisu taasifameera-TKM

Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) –Yaa’ii Idilee 38ffaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaaf qophiin barbaachiisu taasifamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Itiyoophiyaan Giddugala Afrikaa akka taatu sababoota taasiisan keessaa Itiyoophiyaan Teessoo Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbilee Idil Addunyaa hedduu ta’uu isheeti.
Magaalaan Finfinnee Magaalaa New York fi Jeeneevaatti aantee Giddugala teessoo Dippiloomsii addunyaa ta’uu ishee ibseera.
Yaa’iin Idilee 38ffaan Hoggantoota Gamtaa Afrikaa fi Walga’ii idilee 46ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftootaa bara kanaas keessummoonni hedduun kan irratti argaman ta’uu himeera.
Hoggantoonni biyyoota Afrikaa, Ministiroonni Dhimma Alaa, jilli hoggantootaa, keessummoonni Affeerraman dabalatee keessummoonni kumni 15 ol yaa’icharratti ni hirmaatuun eegama jedheera.
Gaazexeessitoonni kumni 1 ol yaa’icha gabaasuuf eeyyama argachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baasen himeera.
Ta’ii guddaa kana milkiin keessummeessuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu eereera.
Qaamoleen dhimmi ilaalltu leenjii fudhachuun hojii eegaluu ibseera.
Keessattuu Yaa’ichi nagaan akka xumuramu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii qophii teeknooloojiin deeggaramee fi bobbii humna namaa addaa taasisuu himeera.
Hanga xumura yaa’ichaatti lammiileen Itiyoophiyaa hundi tumsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeesseera.
Waltajjii guddaan kun milkiin akka xumuramu qaamolee halkanii guyyaa hojjetachaa jiran hunda galateeffateera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.