Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Idileen hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan milkiin xumurame – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC) – Yaa’ii Idileen hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan milkiin xumuramuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Itiyoophiyaan akka teessoo Afrikaatti waan irraa eegamu hunda raawwachuu ibsan.

Keessummaa simachuu sirnaan keessummeessuun hojiin hojjette waan ajaa’ibaa kan ture ta’uu eeraniiru.

Simannaa fi keessummeessa taasifametti gammaaduun hedduun isaanii yeroo turtii dheereessuu himaniiru.

Itiyoophiyaan kaayyoo fi qajeeltoowwan gamtichaa akka milkaa’u murannoo qabdu gochaan mul’isuu himaniiru.

Kunis qophii fi hojii keessummeessuu raawwatteen ifoomeera jedhan.

Yaa’ichi akka milkaa’u hedduun waan danda’an hunda raawwachuu kaasaniiru.
Koreen qopheessituu, dippiloomatonni Dhimma Alaa, ogeeyyiin pirotokoolii, dhaabbileen teeleefi ibsaa, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, Dhaabbileen nageenyaa, Poolisoonni Tiraafikii, dargaggoonni tola ooltonni, miidiyaan, miseensonni artiifi sarkasii, hooteelonni, hooggantoonniifi ogeeyyiin Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, ogeeyyiin qulqullinaa hundinuu qalbii tokkoon dhagahanii akka qaama tokkootti raawwattoota ta’anii hojjetaniiru.

Uummanni Magaalaa Finfinnee keessummootaaf kabajaafi keessumeessuu maluuf keennuudhaan, wayita daandiiwwan cufaman obsaan eeguudhaan milkaa’ina Yaa’iichaatiif waan irraa eegamu hunda godheera. Maqaa Mootummaa Itoophiyaafi maqaakootiin hunduma keessaniifuu galata guddaan qaba.

Hundi keenyayyuu miira jaalala biyyaatiin sirnaafi naamusaan hojjechuu keenyaan keessummoota keenya ajaa’ibsiifneerra. Olka’insa biyya keenyaa agarsiifneerra. Namoonni midiyaa kuma tokkoo ol ta’an maqaa keenya gaarii addunyaatti agarsiisaniiru.

Keessummoonni kuma 10 ol ta’an biyya keenya badhaadhaa jirtuuf ragaa ta’aniiru.

Walta’insi keenya kuniifi murannoon milkaa’ina biyya keenyaaf qabnu yaa’icha boodas akka ittifufun amana. Hamma Itoophiyaan fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta’uunshee dhagaarratti barreeffamutti carraaqqiin keenya ittifufa.

Irra deebiidhaan hunduma keessanuu nan galateeffadha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.