Yaa’ii Paartichaarratti murtoowwan guguddan ni murtaa’u-Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)– Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa gaggeeffamurratti murtoowwan guguddan kan murtaa’an ta’uu Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Obbo Adam Faaraah Yaa’icha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, Paartichi yaa’ii isaa 2ffaa Amajjii 23-25, 2017 Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.
Yaa’iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan guguddoo kan murta’anii fi kallattiin fuulduree paartichaa kan kaa’amu ta’uu himaniiru.
Haayileyyesuus Siyyumtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia