Yaa’iin 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Amajjii 23-25, 2017 gaggeeffama
Finfinnee, Mudde 16, 2017 (FMC)- Yaa’iin 2ffaa Paartii Badhaadhinaa Amajjii 23-25,2017 kan gaggeeffamu ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah ibsaniiru.
Kallattiiwwan Yaa’ii 1ffaa Paartichaan kaa’amaniin hojiin jajjabbeessaan hojjetamuu Obbo Adam himaniiru.
Kallattiiwwan dameewwan diinagdee, siyaasaa, hawaasummaa dippiloomaasii, seenessa waloo ijaaruu fi nageenyaa fi tasgabbiin kaa’amaniin, Paartichi waadaa uummataaf galee raawwachaa jiraachuus kaasaniiru.
Damee Diinagdee mandhalee fi imaammata Diinagdee Gooroo hojirra oolchuun jijjiramni qabatamaan mul’achuu himaniiru.
Tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf sirna Federaalaa cimaan akka jiraatuuf hojjetamuus dubbataniiru.
Damee siyaasaaniis hojiileen jajjabeessaan hojjetamuu ibsuun, Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaatti argaman waliin waltajjiiwwan marii akka babal’atan hojiilee jajjabeessan hojjetamuu eeraniiru.
Rakkoolee nageenyaa fiinxaleesumman walqabatanii mudatanii fi qormaatilee namtoltee fi umamaa dandamachuun bu’aalee galmeessuun danda’ameera jedhan.
Yaa’ii 2ffaa paartichaaf Koreen hundaa’uun hojitti galamuus himaniiru.
Leeyikuun Alemtu gabaase