Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan xumurame

Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC)- Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurameera.

Yaa’icharratti Dureewwan biyyoota Afrikaa garaagaraa, Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez dabalatee Hoggantoonni Olaanoo Dhaabbilee Idil Addunyaa garaagaraa hirmaataniiru.

Yaa’ichaan Ajandaalee Ardichaa garaagaraatti mari’achuun murtoowwan darbaniiru.

Fooyyessawwan Dhaabbatummaa Gamtaa Afrikaa, Haqa lammiilee, Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’iinsa akka argattu tattaaffiin taasifamaa jiru, nageenyaa fi tasgabbii ardichaa ilaalchisee marii bal’aan taasiifamuu ibsameera.

Raawwii Daldala Bilisaa naannawaa Afrikaa, Daldala Ardichaa, Walitti Hidhamiinsa Diinagdee, Qonna, Jijjiirama qabeenya qilleensaa, mirga namoomaa, Sirna Koorniyaa, dargaggoota ga’oomsuu, akkasumas gurmaa’iinsarratti yaa’ichi mari’ateera

Muhaammad Alii Yusuuf dura taa’aa Komiishinii Gamtaa Afriikaa akkasumas Pireezidaantiin Angoolaa Zyiwoo Maanu’eel Goonsaalvees ammoo Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa 2025 ta’uun yoo filataman, dura taa’aa duraanii Komishinii Diinagdee gamtichaa Muusaa Faakii Mahaammat kabajaan gaggeesseera.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.