Yaa’iin Waliigalaa 2ffaa Paartii Badhaadhinaa yaa’ii paartichi yaada isaa itti beeksise ture- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Yaa’iin Waliigalaa 2ffaan Paartii Badhaadhinaa yaa’ii paartichi yaada isaa Itiyoophiyaarra darbee Afrikaafi dhala namaa hundaaf qabu itti beeksise akka ture Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Qindeessa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Qaamolee milkaa’ina Yaa’ii Waliigalaa 2ffaa Paartii Badhaadhinaaf gumaachaniif sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffameera.
Obbo Adam Faaraah saganticharratti, yaa’iin Waligalaa 2ffaan paartichaa milkaa’inoota, qormaatileefi yaadota fuulduratti kaka’umsa uuman adda baasuun xumuramuu yaadachiisaniiru.
Yaa’ichaan hariiroon paartichaafi uummataa kan itti cime ta’uus ibsaniiru.
Rakkoolee qaala’iinsa jireenyaa, hojii dhabdummaafi bulchiinsa gaarii furuuf kallattiin kan ittiin kaa’ame ta’uus eeraniiru.
Minyichil Azzazawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia