Yakkoota fi alseerummaa damee kenninsa tajaajila geejjibaan jiru xiqqeessuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Yakkoota fi alseerummaa damee kenninsa tajaajila geejjibaan jiru xiqqeessuuf hojjetamaa jira, akka Ejemsiin Geejjiba Oromiyaa beekaisetti.
Kenniinsa tajaajilaa damee geejjibaa foyyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiras jedhameera.
Godina Arsiitti hanqinni to’annoo tiraafikaa, konkolaataa fi seeraan ala fe’uun kan mul’atu ta’uu imaltootni komataniiru.
Komii kenniinsa tajaajilaa damee geejjibaan hawaasni kaasu furuuf qooda fudhatoota waliin hojjetamaa akka jiruu fi tarkaanfiin barbachisisus fudhatamaa jiraachuu Itti gafaatamaan Ejensii Geejjibaa Godina Arsii Obbo Tamaam Muktaar ibsaniru.
Akka godinichaatti konkolaatoota 350 fi bajaajota 660 seera darbanirratti tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru.
koomii geejjibaan wal qabatee hawaasa irraa ka’aa jiru bu’uura godhachuun koreen hundaa’ee daawwannaa taasisaa jiraachuu Ejensii Geejjibaa Oromiyaatti Daayrekterri Dayarektoreetti Giddu gala Leenjii konkolaachistoota fi Teeknishanootaa Misbaahudiin Abduulmajiid himaniiru.
To’attoota tiraafikaa fi hojjettoota 200 ol hojmaata alseerumaa irraatti bobba’an irraatti tarkaanfiin fudhatamuu kaasaniiru.
Midhaksaa Qachaatu gabaase.