Yeroon aara galfii idaa Doolaara biiliyoona 3 fi miiliyoona 500 waliigalameera- Obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Ebla 5, 2017(FMC)- Marii koree liqeessitootaa waliin gaggeeffamaa tureen waliigalteen yeroo aara galfii idaa Doolaara biiliyoona 3 fi miiliyoona 500 waliigalamuu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen ibsan.
Obbo Ahimad Shideen raawwii karoora baatiiwwan 9 darbanii ilaalchisee ibsa kennaniin, bu’uura waliigaltee koree liqeessitootaa waliin irra gahameen yeroo dhiyootti waliigalteen kan mallattaa’u ta’uufi tokkoon tokkoo biyyoota liqeessitootaa waliin mariin kan geggeeffamu ta’uu eeraniiru.
Gama dhiibbaa idaa hir’isuun bara kana bu’aa guddaan argamuu kan ibsan obbo Ahimad Shideen, raawwiin galii, baasii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa haala gaariirratti kan argamu ta’uu kaasaniiru.
Fooyya’iinsa diinagdee gooroon sharafni alaa gabaan akka murtaa’u taasifamuu hordofee dhiibbaa oomisha alaa galuu fi hawaasarra gahuu malu dandamachuuf baajanni deeggarsaa ramadamuu ibsaniiru.
Mootummaan xaa’oo, boba’aa, zayita nyaataafi qorichaaf deeggarsa olaanaa taasisuu yaadachiisuun, daballiin miindaa hojjettootaa taasifamuu himaniiru.
Fooyya’iinsi diinagdee gooroo cimee akka itti fufuuf oomishtummaafi sirna daldalaa fooyyessuu, galiifi baasii akkasumas raawwii dhaabbilee misoomaa mootummaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia