Fana: At a Speed of Life!

Yuuniivarsiitiin Dambi Doolloo qoranoowwan tekinooloojii biyya fayyadan hojjechaa jiraachuun himame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Yuuniivarsiitiin Dambi Doolloo dhaloota beekumsaan ijaarame horachuu bira darbee gama damee tekinooloojiin hojiiwwan biyya fayyadan gumaachaa jiraachuu ibseera.

Bakka Bu’aan Pirezidaantii Yuuniivarsiitichaa Dooktar Reedaa Namoo, yuuniivarsiitichi dameewwan qonnaa, tekinooloojii diroonii, fayyaa fi kanneen biroon qorannoowwan adda addaa qorachuun ga’ee isaa gumaachaa jiraachuu dubbatan.

Keessuma gama tekinooloojii dirooniin  hojii bu’aa guddaa argamsiisu hojjechaa akka jiru himanii, nyaata barattootaas galii keessoon dhiyeessuuf misooma qonnaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Yuuniivarsiitichi hojii qorannootiin kanneen biyyaa fi uummata fayyadan hojjechuu cimsee akka itti fufu  ibsuun, yuuniivarsiitiiwwan gara ofiin of-bulchuutti ce’uun akka of danda’aniif kallattii mootummaan kaa’eenis of qopheessaa jira jedhan.

Kanaanis adeemsa baruu fi barsiisuu cinatti  qorannoo fi qo’annootiin  ittigaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’uu irratti akka argamu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.