Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Wallaggaa barattoota Muummee garagaraan barsiisaa ture kuma 2 fi 717 eebbisiise

Finfinnee, Guraandhala 9, 2017 (FMC) -Yuunivarsiitiin Wallaggaa barattoota Muummee garagaraan barsiisaa ture kuma 2 fi 717 har’a marsaa 19ffaaf eebbisiiseera.

Barattoota guyyaa har’aa eebbifaman kuma 2 fi 717 keessaa kumni 1 fi 897 dhiiraa yoo ta’an, 820 barattoota shamarranii ta’uu ibsameera.

Barattoonni kunneen muummewwan adda addaan barnoota isaanii digirii jalqabaa, 2ffaa fi digirii 3ffaan hordofaa kan turan ta’uu ibsamerra.

Hoggantoonni mootummaa Federaalaa, Naannoo, Yuuniversiitichaa fi maatiin eebbifamtootaa saganticharratti argamaniiru.

Yohaannis Malkaamuufi Galaanaa Tasfaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.