Yuuniversiitiin Mattuu barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 406 eebbisiise
Finfinnee, Guraandhala 15, 2017 (FMC) – Yuuniversiitiin Mattuu barattoota ogummaa garaagaraan sagantaa idilee fi idilee alaan barsiisaa ture kuma 1 fi 406 eebbisiiseera.
Barattoota kuma 1 fi181 digirii jalqabaa fi 226 ammoo digirii 2ffaan eebbisiisuu ibsameera.
Mana Maree Bakka Bu’oota Umaataatti walitti qabaan Koree Dhaabbii dhimmoota Nageenyaa fi Hariiroo Alaa fi Miseensa Boordii Yuunivarsiitiichaa Dooktar Diimaa Nagawoo dabalatee hoggantoonni Yuuniversiitichaa, maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni waamichi taasifameef sirna eebbichaarratti argamuu ragaan fuula Yuuniversiitii Mattuurraa argame ni mul’isa.